Fana: At a Speed of Life!

Jilli Afyaa’ii Caffee Aadde Sa’aadaan durfamu Shaggaritti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Ebla 6, 2016 (FBC)- Jilli Afyaa’ii Caffee Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaaniin durfamuu Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti, hojiilee misoomaa daawwataniiru.

Daawwanaa isaaniin Caffeen Oromiyaa, seerota aadaafi duudhaa ganamaa bu’uura godhatan baasuun hojiirra oolchaa jiruun tajaajila Manni Murtii Aadaa Aanaa Caffee Karaabuu daawwachuu ibsan.

Magaalaan Shaggar Magaalaa ‘Metro Politan’ erga hundooftee waggaa guutuu kan eeraan Aadde Sa’aadaan, carraa misoomaa fi invastimantii hawwachuuf magaalattiin qabduun, giddugala misoomaa, industirii, qonna magaalaa, tuuriizimii fi kkf taasisuuf hojiin bal’aan hojjetamaa kan jiru ta’uu hubachuu gama miidiyaa hawaasummaa isanin ibsaniiru.

Magaalonni naannichaa, galmoota ijoo arfan Damee Misooma Magaalaan Karoora Xiiqii naannichaa keessatti qabamanii hojiirra oolaa jiran, wabii nyaataa mirkaneessuu, interpiranarummaa jajjabeessuu, ogummaa dagaagsuu fi teekinoloojii diijitaalaa babal’isuun, magaalaa jiraattotaaf hawwataa fi mijaa’aa ta’e uumuuf xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Utubaaleen hojii kanneen ittiin mirkanaa’an ammoo hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa dhugoomsuun, oomishtummaa dachaan dabaluun diinagdee damdaneessa mirkaneessuudha jedhan.

Bu’uura kanaan, Inisheetiiviiwwan haaraa bara kana magaalota keessatti saffisaan hojiirra oolan rakkoo hoji dhabdummaa dargaggoota keenyaa ni furu jedhamee kan abdatamee ta’uu dubbataniiru.

Gama biraan, hanqina dhiyeessii oomishaa magaalota keessatti furuuf jijjiirama abdachiisaa fidaa jiran keessaa kilaastarri beeyladaa tokko ta’uu kan kaasaan Aadde Sa’aadaan, damee kanaan hojii gabbisa horii foonii fi aannanii, horsiisa lukkuu fi kanniisaa akkasumas, industirii godoon jijjiiramni qabatamaan mul’achaa kan jiru ta’uu hubachuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Hojii jalqabaman cimsanii itti fufsiisuu fi ariitiin babal’isuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuun magaalota naannichaa giddugala oomisha qonnaa taasisuuf qindoominaan ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.