Fana: At a Speed of Life!

Jilli Caaltuu Saaniin durfamu Proojaktoota fi keenninsa tajaajila waajjiiraalee mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Jilli Caaltuu Saaniin durfamu Proojaktoota fi keenninsa tajaajila waajjiiraalee mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa daawwatan.
 
Jilli Itti Aantuu Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qindeessitu Kilaastara magaalaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin durfamu Proojaktoota fi keenninsa tajaajila waajjiiraalee mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa daawwataniiru.
 
Bulchiinsa Magaalichaatti proojaktoota bara 2013tti bulchiinsa magaalichaa fi hirmaannaa hawaasaatiin hojjetaman fi waldaalee IMX akksumas haala kenninsa tajaajilaa seektaroota mootummaa daawwataniru.
 
Daawwannaa taasifameen hojiiwwan misoomaa fi hojiiwwan tola oltummaatiin sadarkaa magaalichaatti hojjetaman maqaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun, daawwannaa taasifameen hojii misoomaa hundi mootummaan qofa hojetamuu akka hin dandeenye arginneera jedhan.
 
Kanaaf hojiiwwan tola oltummaan ijaarsa daree dabalataa fi ijaarsa mana hiyyeessaatiif hojetameen nuuf mirkanneessa jedhan.
 
Hojii tola oltummaatiin dargaggeessi kaka’umsa ofitiin lafa isaa kaaree meetira 180 haadha hiyyeessaaf kennunsaa akka naannoo Oromiyaatti muuxannoo gaarii ta’u fi duudhaa ummata Oromoo kan deebisee fi gara fuldurattis cimee itti fufuu kan qabudha jedhaniru.
 
Dhumarrattis, hojiiwwan misoomaa jalqabaman fi gara fuldurattis tarkaanfii Mootummaan gufuu misoomaa keenya kan ta’ee Garee Juntaa ABUT irratti fudhachaa jiru yeroo xumuramuu badhaadhiinii keenya itti fufa jedhaniru.
 
Kanaaf ammoo hawaasni magaalichaa deeggarsa jalqabee cimsee itti fufu qabaas jedhaniru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.