Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabileetti Mishingaa Kilaastaraan faca’e daawwate

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteetiin durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabileetti Mishingaa Kilaastaraan faca’e daawwateera.
Qonnaan Bultoonni Aanaa Baabilee Araddaa Erar Ibaadaa erga Kilaastaraan facaasuu jalqabnee jireenyi keenya fooyyaa’aa jira jedhan.
Itti gaafatamtuun Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad, karoora Kilaastaraan facaasuuf qabame milkeessaa jiraachuu dubbataniiru.
Bulchaan Godina Harargee Bahaa Obbo Husseen Fayyisoo Qonnaan bultoonni Harargee Bahaa wabii Miidhaan nyaataa akka mirkaneeffataniif xiyyeefannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Akka OBN gabaaseetti Dooktar Girmaa Amantee hojiin Kilaasteraan Harargee Bahaa keessatti hojjetamaa jiru fakkeenyummaa waan qabuuf cimee itti fufuu qaba jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.