Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu magaalaa Asallaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Jilli Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qindeessaa Kilaastara Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu, bulchiinsa Magaalaa Asallaatti hojiilee Invastimantii, Qonna Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa hojjatamaa jiran daawwate.

Hojii abbootiin qabeenyaa Magaalaa Asallaa keessatti hojjachaa jiran walitti hidhamiinsi baadiyyaafi magaalaa cimaa dhufuu kan agarsiisu ta’uu Dooktar Girmaan eeruu OBN gabaaseera.

Meeshaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf carraa kennameen indaastiriiwwan biyya keessaa akka jajjabaatan taasisuu ibsaniiru.

Kanaaf fakkeenyi Warshaa Kompileeksii Nyaataa Cilaaloo ta’uu eeruun,warshichi meeshaa dheedhii haala gahaa ta’een qonnaan bultoota irra argachaa humna guutuun oomishaa jiraachuu dubbataniiru.

Mootummanis gama kanaan deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisaa jedhaniiru.

Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gaazaalii Hashuu gamasaanii, bara kana magaalichatti pirojektoonni 37 Birrii miliyoona 226’n hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonna Magaalaatiinis abbootii warraa hunda bira gahuuf hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.