Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaan durfamu aanaa Xiyoo fi Heexosaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezedaantiitti Qindeessaa Kilaastara Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteetiin durfamu Godina Arsii Aanaalee Xiyoofi Heexosaatti hojiilee misoomaa daawwateera.

Jilichi qonnaan bultoota sanyii filatamaa baay’isaa jiranii fi horsiisa loon Aannanii,akkasumaas Sagantaa nyaata barattoota afi qophii biqiltuu daawwateera.

Qonni qindaa’aan horsiisa loonii dabalatee godinichatti hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu Dooktar Girmaan dubbataniiru.

Hojiileen kunneen sagantaa maaddii Madaallawaa akka biyyaatti jalqabame kan milkeessu ta’uu dubbataniiru.

Keessattuu qulqullinaaf xiyyeeffannoo kennanii hojjachuun isaanii ,omishaafi omishtummaa dabaluu keessatti bu’aa olaanaa qabaachuu eeran.

Sagantaan nyaata barattootaa eegalamees, qulqqullina barnootaa mirkaneessuu fi harcaatii barattootaa hir’isuu keessatti bu’aa olaanaa fidaa jiraachuu himaniiru.

Bulchaan Godina Arsii Obbo Muusaa Furoon, misoomni gama hundaan jalqabame itti fufuun Qonnaan bultoonni fayyadamoo akka ta’aniif hojjatamaa jira jechuu isaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.