Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Sammaa Xurunaan durfamu Godina Harargee Bahaatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016(FBC)- Jilli Giddugala Qindeessaa Ijaarsaa Diimookiraasii Paartii Badhaadhinaatti Itti Gaafatamaa Damee Warraaqasa fi Siyaasaa Dooktar Sammaa Xurunaan durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaalee Gooroo Guutuu fi Dadaritti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.

Aanaa Gooro Guututti manneen jireenyaa daa’imman haadhaa fi abbaa hinqabnee ijaarame daawwateera.

Hojiilleen misoomaa kunneen mootummaan Paartii Badhaadhinaan durfamu namarratti kan xiyyeeffate ta’uu kan argisiiseedha jechuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Kana malees, garichi godinicha aanaalee Qarsaa fi Meettaattis hojiilee misoomaa qonnaa, misooma qamadii, kuduraa fi muduraa, hojiilee horsiisa beelladaa, horsiisa kaannisaa, nyaata barattootaa fi kanneen biiroo daawwateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.