Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Warqinaan durfamu Waajjira Qindeessaa Misooma daangaa ce’aa Itiyoo –Keeniyaa eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana 18, 2016 (FBC) – Jilli Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon durfamu Waajjira Qindeessaa Misooma daangaa ce’aa Itiyoo – Keeniyaa magaalaa Mooyaaleetti ijaarame eebbisiisera.

Waajjirichi hawaasa daangaa Itiyoo – Keenyaa, Itiyoophiyaa fi Somaaliyaatti argaman bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Dhaabbatichi daangaa biyyoota lameen gidduutti bu’uuralee misoomaa kanneen akka hospitaalaa, manneen barnootaa, bishaaniifi giddugala gabaa beelladaa ijaaruun uummata lameen misoomaan waliitti hidhuun, nageenya waaraa buusaa jiraachuu Dooktar Warqinaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Jilichi mooraa waajjira keessa biqiltuu dhaabuus eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.