Fana: At a Speed of Life!

Jilli Faransaay iddoowwan seena qabeessa Aksuumii fi Adwaa daawwate

Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Jilli Faransaay iddoowwan seena qabeessa Aksuumii fi Adwaa daawwate.

Jilichaan itti aanaan Eetaa Maajoora Raayyaa Ittisa Biyyaa Faransaay; Leetanaal Janaraal Barnaard Baareeraan hammatamaniiru.

Daawwii kaleessa magaalaa Aksuumitti taasisaniin, siidaa Aksuum, mootii Saabaa, gaarren Duurhaan, iddoolee seena qabeessaa fi hambaalee addaddaa daawwataniiru.

Dabalataan Adwaa fi naannawa isaatti iddoowwan Xaaliyaan waliin waraanni itti gaggeeffame daawwataniiru.

Hoggansa bulchiinsa magaalaa Aksuum waliinis mari’atanii, bulchiinsi magaalichaa jilichaaf bobbocha siidaa Aksuumii fi uffannaa aadaa gumaachera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.