Fana: At a Speed of Life!

Jilli hoggantoota olaanaa paartii baadhaadhinaan durfamu hojiilee misooma qonnaa godina jimmaa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Jilli hoggantoota olaanaa paartii baadhaadhinaan durfamu hojiilee misooma qonnaa godina Jimmaa daawwateera.
Jilli miseensa koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa obbo Tafaayee Beelijigee, Itti aanaa Preezdantii naannoo Gaambeellaa obbo Taankiwaay Jook fi sadarkaa Itti aanaa Preezdantiitti qindeessaa kilaastera hawaasummaa obbo Abdulhaakim Muluun durfamu hojiilee misooma qonnaa godina Jimmaa daawwateera.
Aanaa Qarsaatti hojii misoomaa oomishaa bunaa fi avookadoo fi qophii sanyii bunaa daawwateera.
Godina Jimmatti lafti hektarri kuma dhibba 4 fi kuma 90 ol bunaan uwwifamuu fi bara kana sanyii bunaa kumni dhibbi 1 fi kumni 51 ol dhaabbiif qophaa’a jiraachuu Waajjirri qonnaa godina ibseera.
Oomisha Bunaan wal qabatee hojii gaariin hojjetamaa jiraachuu miseensi koree hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa obbo Tafaayee Beelijigeen ibsaniiru.
Sanyiin Bunaa dhaabbiif qophaa’e godina fi naannoo Oromiyaaf qofa osoo hin taane naannoolee Buna oomishaniif kan ga’u ta’uu dubbataniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantitti qindeessan kilaastera hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Abdulhaakim Muluunis naannoon Oromiyaa oomishaa Buna, kuduraa fi Muduraa humna guddaa kan qabdu ta’u ibsuun,hojii misooma qonnaan qonnaan bultoota fayyadamoo taasiisuuf dabalataan dargaggootaaf carraa hojii uumamaa jiraachuu himaniiru.
Jilli kun aanaa Saqqaa Coqorsaattis hojii misooma Muuzii fi Qamadii Jallisiis daawwateera.
Tamasgeen Aallebbaachotu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.