Fana: At a Speed of Life!

Jilli Itiyoophiyaa hoggantoota Baankii Addunyaa fi IMF waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Jilli Itiyoophiyaa walga’ii waggaa dhaabbilee faayinaansii Morookootti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru Pireezidaantii Baankii Addunyaa Aajaay Baangaa fi Daayrektara Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyeev waliin mari’ateera.

Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen durfamu marii gaggeessee irratti Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maamoo Mihiratuu akkasumas hoggantoonni Dhaabbata Maallaqa fi Baankii Addunyaa argamaniiru.

Obbo Ahimad Shideen wayita marichaatti hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan dursa kennituuf irratti ibsa taasisaniiru.

Tasgabbii Fiiskaalaa gooroo, misooma damee dhuunfaa, misoomaa humna namaa, deebisanii ijaaruu fi dhimmoota diinagdee biroo ilaalchisee ibsa kennuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbileen lameen Itiyoophiyaan diinagdee ishee tasgabbeessuuf, qaala’iinsa gatii sirreessuu fi fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa taasisuuf tarkaanfiilee fudhachaa jirtu dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaan diinagdee irratti karoorfattee hojjechaa jiraachuu eeruun, galmicha milkeessuuf dhaabbileen lameen haala deeggarsaa taasisuu danda’anirratti marii bal’aan taasifamuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.