Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa Yaa’ii Waraqaa Eenyummaa Afrikaa 7ffaarratti hirmaate

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)- Jilli Ityoophiyaa dhaabbilee garaagaraarraa walitti babba’e Yaa’ii Waraqaa Eenyummaa Afrikaa 7ffaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu ibsame.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon, Waraqaan Eenyummaa diijitaalaa biyyaalessaa qoqqoodiinsa qabeenyaa haqa qabeessa taasisuufi Afrikaatti sirna diimookiraasii diriirsuu kan dandeessisu ta’uu waltajjichaan ibsaniiru.

Tajaajiloota uummataa haala guutuu ta’een waliin gahuuf ragaaleen lammiilee sirriin kan barbaachisu ta’uu kaasuun, ejensiiwwan bulchiinsa eenyummaa biyyaalessaa Afrikaa waliin hojjechuufi muuxannoo waljijjiiruu qabu jedhan.

Ityoophiyaan yaa’ii bara dhufu gaggeeffamu qopheessuuf gaaffii dhiyeessuu ragaan Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojiirraa argame ni mul’isa.

Yaa’icharratti ministiroonniifi ogeeyyiin damichaa biyyoota Afrikaa 40 irraa walitti babba’an hirmaachuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.