Fana: At a Speed of Life!

Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti Qamadii kilaasteraan misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Jilli Muummee Ministeeraa Abiy Ahimadiin durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti Qamadii kilaasteraan misoomaa jiru daawwateera.

Bara kana aanichatti yeroo jalqabaaf hojiin qamadii kilaasteraa oomishuu kan eegalamee.

Qamadiin kilaasteraan misoomaa jiru lafa kanaan dura hojii malee abbootii qabeenyaan qabamee ture akka tahee fi yeroo ammaa qonnaan bultootaaf kennamee kilaasteraan qamadii irratti misoomsaa jiru.

Kana dura roobni gahaan waan hin jireef  aaniichi hagas mara oomishaaf mijataa hin turre.amma garuu rooba gahaa argameen qamadiin misoomaa jira.

Dabalataanis Jallisii fayyadamuun qamadii aanichatti bal’inaan oomishuuf hojjetamaa akka jiru Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himaniiru.

Preezdaantonni Naannolees muuxannoo Naannoo Oromiyaarraa argatan Naannoo isaaniitti hojiirra akka oolchan waadaa galaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.