Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Abdulhaakiim Muluutiin durfamuu hojiilee misoomaa Aanaalee Digaluu fi Xiijjoo daawwate

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)- Jilli Sadarkaa Itti Aanaa fi Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakim Muluutiin durfamu Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xiijjootti hojiilee misoomaa fi sochilee inisheetiivii garaagaraa daawwateera.

Daawwanichaan sochii inisheetiifii nyaata barataa, haala baruu fi barsiisuu manneen barnootaa fi sochii nageenyaa yoo daawwatan, sochichi haala gaarii irra jiraachuu fi daran ciminaan hojjechuu akka qaban dhaaman.

Gama nageenyaanis sochii nagaa fi tasgabbii Aanichaa daran akka jabaatuuf gaachana sirnaa jabeessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Sagantichaan cinattis koonfiraansiin nageenyaa fi misoomaa Hawaasa Aanichaa hirmaachise gaggeeffameera.

Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir, saganticharratti haasawaa taasisaniin, misooma akka biyyatti eegalame itti fufsiisuuf nagaa fi tasgabbiirratti xiyyeeffachuun hojjachuun barbaachisaa akka ta’e himan.

Hirmaattonni koonfiransichaas nageenya biyyaa fi naannoo ofii eeguun misooma eegalame akka itti fufsiisan eeraniiru.

Abdallaa Amaanii fi Oliyaad Badhaaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.