Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Aganyaawu Tashaagariin durfamu yaa’ii Gamtaa Paarlaamaa Addunyarratti hirmaacha jira

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)- Jilli Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyaawu Tashaagariin durfamu Yaa’ii Gamtaa Paarlaamaa Addunyaa 148ffaarratti hirmaachaa jira.

Yaa’ichi Siwiizaarlaandi Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Obbo Aganyawu yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, haleelaa shororkeessummaa hirmaattota Konsartii Muuziqaa Raashiyaarratti gaggeeffameen gadda itti dhagahame ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa Addunyaarratti mul’achaa jiru furuuf miseensonni Paarlaamaa gahee isaanii akka bahataniif yaa’iichi yeroo murteessatti gaggeeffamuus kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Addunyarratti nageenyaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf murannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu eeruun, walitti bu’iinsa Kutaa kaabaa Itiyoophiyaatti mudatee ture waliigaltee Piritooriyaan furmaata argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Gaanfa Afrikaatti nageenyi waaraa fi tasgabbiin akka jiraatuuuf ardiichi dinaagdeen walitti hidhamiinsa uumuun murtessaa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan kana milkeessuuf Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa ijaaraa jiraachuu Obbo Aganyaawu ibsuu ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.