Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu Saawud Arabiyaatti  daawwannaa hojiif taasisan

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu Saawud Arabiyaatti  daawwannaa hojiif taasisuu ibsame.

Jilichi hoggantoota olaanoo mootummaa federaalaa fi abbootii amantaa kan of keessatti haammate ta’uu ibsameera.

Kaayyoon daawwannichaa hariiroo biyyoota lameenii haala daran daran jabeessuu danda’amuu fi haala lammiileen Ityoophiyaa Saawud Arabiyaa jiraatan furmaata yeroo fi waaraa itti argachuu danda’anirratti mari’achuuf ta’uu eerameera.

Jilichi turtiisaatiin hoggantootaa fi miseensota hawaasa Ityoophiyaa Riyaad, hoggantoota amantaa, hawaasa daldalaa fi hoggantoota olaanoo mootummaa Saawud Arabiyaa  waliin mari’achuu ibsameera.

Marichaan haala qabiinsa lammiilee Ityoophiyaa mana hidhaa biyyattii keessa jiran fooyya’uun danda’urratti, eenyamni jireenyaa isaanii kan jalaa gubate baasii  mataasaaniin gara biyyaa warren galuu barbaadaniif kaffaltiin adabbii irraa ka’ee dhiifamni godhameefii  haala gara biyyaatti deebi’uu danda’anirratti, Ityoophiyaanonni mana hidhaa jiran ariitiin qophiin taasifamee haala ittiin biyyatti galuu danda’anirratti mari’atamuu ifoomeera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.