Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Koollejjii Leenjii Poolii Teeknikaa Atleet Qananniisaa Baqqalee daawwate

Finfinnee, Bitootessa 23, 2015 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Koollejjii Leenjii Poolii Teeknikaa Atleet Qananniisaa Baqqalee daawwateera.

Teeknooloojiin deeggaramuun hojiilee jireenya hawaasaa fooyyessanirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

Teeknoolojiiwwan jireenya hawaasa naannichaa jijjiiruu danda’an kalaquun hojiileen misoomaa garaagaraa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kana milkeessuuf dhababileen Ogummaa fi Teeknikaa ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Mootummaan naannichaa hojiilee misoomaa garaagaraa magaalaa fi Baadiyyaatti hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Carraa hojii uumuu, Teeknooloojii Kalaquun hojiilee misoomaaf oolchuun, Intarpiraayizoota ciccimoo magaalaa fi Baadiyaatti babal’isuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Awwaluun, Dhaabbileen Teeknikaa fi Ogummaa manneen sadarkaa isaanii eegatan ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeruun,bara 2015 manneen jireenya hawaasaa fooyyessuu danda’an kuma 100 ijaaruuf karoorfamuu himaniiru.

Maddi:- DhPI

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.