Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuun durfamu Aanaa Gobbuu Sayyootti Qamadii Jallisii Bonaan misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Qamadii Jallisii Bonaan misoomaa jiru daawwateera.

Godinni Wallaggaa Bahaa hojiiwwan misooma qonnaa hundaaf haala mijaawaa qabdurratti hundaa’uun hojiiwwan jajjabeessaan qonna ceesisanii fi fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessan hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun himaniiru.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojiilee qonnaa godinicha keessatti hojjetamaa jiran cimsuuf deeggersa barbaachisaa ta’e hunda kan taasiisu ta’uu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Godinichatti bara lafa hektaara kuma 42 olirratti Qamadiin jallisii Bonaan misoomaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjirra Qonnaa Godina Wallagga Bahaa ibsaniiru.

Galmoota akka misooma qonnaatti qabaman hojiirra oolchuun diinagdee Qonnaan bulaa guddisuun badhaadhina maatiifi waloo mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Waggaarii Nagaraan himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.