Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Shimallisiin duurfamu Baalee Roobee, Gobba fi magaalota ollaa daawwatan

Finfinnee, Hagayyaa 16, 2012 (FBC) – Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisatiin duurfamu Baalee Roobee, Gobbaa fi magaalota ollaa daawwatan.
 
Rakkoo nageenyaa tibba darbe uumamee tureen qabeenya barbadaa’ee fi hojii deebisanii dhaabuu daawwataniiru.
 
Manneen miidhaan irra ga’ee ture keessaa 80 suphamaniiru.
 
Dhaabbileen daldalaa miidhamanis hirmaannaa ummataatin ijaarramaa kan jiran yoo ta’u, waajjiraaleen mootummaa miidhaan irra ga’es hojjetama ajiru.
 
Buufata konkolaataa lafa kaaree meetira kuma 30 irratti Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 87 ijaarramaa jirus daawwataniiru.
 
Paarkii Indaastirii Roobee lafa heektaara kuma 10 irratti Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 73 hojjetamaa jirus ilaalaniiru.
 
Manneen barnootaa afur kan Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 48 hojjetama ajirus ilaalanii jajjabeessaniiru.
 
Tizzitaa Dassaalanyitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.