Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Shimallisiin duurfamu hojiilee misoomaa godina Shawaa Bahaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) –Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisatiin duurfamu hojiilee misoomaa godina Shawaa Bahaa dawwate.
 
Jilli kun godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaatti hojiilee misoomaa addaddaa daawwateera.
 
Daawwannaa kanarratti paartilee morkattootaa fi namoonni beekamoon qooda fudhataniiru.
 
Jilichi buufata biqiltuu, jallisii qonna paappaayyaa fi avokaadoo kilaastaraan oomishamaa jiru daawwateera.
 
Kilaastaroonni ganda Waldaa Maqdaalaa, Waldaa Qallinaa, Baqalee Girrisaa fi Shubii Gamoo keessatti hojjatamaa jiran daawwatamaniiru.
 
Akkasumas buufatni biqiltuu hojii invastimantii Filooraa Veeji daawwatameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.