Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu magaalaa Adaamaatti Paarkii gadaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015 (FBC) – Jilli pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Magaalaa Adaamaatti Paarkii Gadaa Daawwate.

Paarkiin Gadaa ijaarsi isaa bara 2014 eegale. Paarkiin kun sadarkaa magaalaa Adaamatti isa addaa kan ta’eefii tajaajiloota adda addaaf kan oolanidha.

Bakki kun kana dura tajaajila kamiifuu kan oole hin beeknee fi yeroo ganni dhufu sodaa balaa lolaatiif hawaasaaf yaaddoo kan ta’ee ture.

Adaamaan gaaraan marfamtee kan argamtu ta’uu isheetiin bakkeewwan bashannanaa akkasii muuxannoo ta’un kan babal’atu ta’a jedhan Itti Aanaa hojii gaggeessaan mana qopheessaa Magaalaa Adaamaa Obbo Kookab Akliluun.

Paarkii kana keessatti namoota 30 olif carraan hojii uumamuusaas himaniiru.

Akkasumas jilichi magaalichatti Mana Barumsaa Bu’uura Boruu Gaara Nagawoo daawwateera.
Mana barumsichaatti barattoonni 106 barachaa kan jiran yoo ta’u, fayyadamoo Nyaata barattootaa ta’uu ibsameera.
Daagmaawii Deeksisaafi Baahiluu Baaneetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.