Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaantii Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Ubaah Adamiin durfamu Jibuutiitti daawwannaa taasise

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) –Jilli Preezdaantii Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Ubaah Adamiin durfamu Jibuutiitti daawwannaa taasise.
Mana barumsaa hawaasa Ityoophiyaa Jibuutittii ijaaramaa jiruuf deeggarsa oogummaa laachuuf jilli Preezdaantii Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Ubaah Adamiin durfamu daawwannaa taasiseera.
Jibuutiitti Ambaasaaddar Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee kominiitiin Ityoophiyaa Jibuutii jiraataan mana barumsa ijaarsisuun rakkoo baroota dheeraa ture furuuf kan dandeesisu deeggarsa oogummaa taasisuuf dhufuu isaaniif galateeffataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa rakkinicha mootummaa Jibuutiif ibsuun lafa heektara 4 laachuun walqabatee, wayita ammaa deeggarsa waldaa kominiitii Ityoophiyaan lafichi dalleeffamuu ibsaniiru.
Manni baruumsichaa olmaa daa’immanii hanga kutaa 12ffaatti kan ijaraamu ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.