Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti dhadhaa fi dammi wantoota farra fayyaa namaa ta’aniin makamuun gabaaf dhiyaachuuf ture too’annaa jala oole

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti dhadhaa fi dammi wantoota farra fayyaa namaa ta’aniin makamuun gabaaf dhiyaachuuf ture too’annaa jala oole.

Shakkamaan dhadhaa fi damma wantoota farra fayyaa namaa ta’aniin waliin makee qopheessaa fi raabsaa ture guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 12 ganda Bachoo Booreetti too’annaa jala ooleera.

Shakkamichi  dudduuba hospitaala Shanan Gibeetti mana kireeffatee dhoksaan gocha kana raawwataa kan ture yoo ta’u, hojjattuun mana isaa eeruu polisiif kenniteen too’annaa jala ooluu qajeelcha polisii magaalichaatti  itti gaafatamaan diivizhiinii odeeffannoo fi miidiyaa Inspeektar Gazzaaheny Aguchaw Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Shakkamachi keemikaalotaa garaagaraa fi daakuu dhadhaa fi dammatti makaa turuu fi  namootni isa harkaa fuudhanii hawaasatti gurguraa turanis too’annaa jala olaa jiraachuu dubbataniiru.

Miidhaa keemikaalootni fi daakuun dhadhaa fi dammatti makamaa ture fayyaa irraan gahaan qoratamaa jiraachuu Waajira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaatti qindeessaan to’annoo Fayyaa fi dhimmoottan fayyaan walqabatanii obbo Akbar Kamaal dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.