Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti tajaajilli yaala bilisaa laatame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) –Yuunvarsiitin Jimmaa Staarkeey Hiiriing Faawundeeshin, Proojaktii Kaataraaktii fi Tajaajila Viizhin Keer Ityoophiyaa waliin tajaajila yaala bilisaa laate.
 
Tajaajila yaala bilisaa kanaan namoota rakkoo dhageettii qabaniif meeshaan deeggarsa dhageettii gurraa dabalu bilisaan kennameera.
 
Deeggarsicha dhaabbataa Staarkeey Hiiriing Faawundeeshin jedhamuu fi giddugala yaalaa fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa waliin ta’uun bilisaan laataniiru.
 
Arjooma meeshaa kanaan namoonni rakkoo dhageettii qaban 1000 ta’an fayyadamoo ta’aniiru.
 
Dabalataan ammoo namoota dhibee ijaa qabaniif koolleejjiin mummee fayyaa Yuunvarsiitii Jimmaa, Proojaktii Kaataraaktii fi Tajaajila Viizhin Keer Ityoophiyaa waliin ta’uudhan tajaajila laatera.
 
Wallaansichi bilisaan kan laatame yoo ta’u, yaala baqaqsanii wallaanuu mooraa ijaatu laatame.
 
Tajaajilli bilisaa kun namoota 500 ta’aniif, Gurraandhala 29 eegalee laatameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.