Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalatti nageenyaaf gahee isaanii akka bahatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Dameen turiizimii nageenyaa waan barbaaduuf jiraattoonni magaalattii nageenyaaf gahee gama isaanii akka bahatan Kantiibaan Ittaanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanziraar Abbaay waamicha dhiyeessan.

Torbee tuuriizimii yeroo 36ffaaf kabajamu ialaalchisuun sagantaa argisiisaa fi baazaarii Magaalaa Finfinnee Dirree Masqalaatti gaggeeffameera.

Obbo Jaanxiraar saganticharratti haasawaa taasisaniin, dameen tuuriizimi biyyoota akka Itiyoophiyaa bakkeewwan hawwata tuuriizimii qabaniif riqicha guddinaa ta’uun tajaajilaa jiraachuu kaasan.

Damichi akka biyyaattis ta’e magaalichaatti akka babal’atuuf, qabeenyaa jiru beekuu fi beeksisuun hojii isa olaanaa ta’uu dubbachuu ragaan Biiroo Misoomaa Indastirii fi Interpiraayiziirraa argame ni mul’isa.

Torbeen tuuriizimii wayita kabajamu sadarkaa biyyattiittis ta’e magaalattiitti guddina waaraa mirkaneessuuf adeemsa taasifamu keessatti tuuriizimiin hunda hirmaachisaa ta’uu hubatamuu akka qabu himaniiru.

Jiraattonni magaalattii carraa olaanaa kana hubachuun damichaaf xiyyeeffannaa kennuun ofii fi biyyaa isaanii akka fayyadaniif dammaqinaan akka hojjetan hubachiisaniiru.

Tuuriizimiin qofaa waan hinmisoomneef hojmaata qindaawaa diriirsuun madda galii biyyatti guddisuun akka barbaachisuu fi damichi hunda caalaa nageenya mirkanaa’a waan barbaaduuf nageenyaaf tattaffachuu qabna jedhaniiru.

Jiraattonni magaalattiis nagaan waan hundaaf bu’uura ta’uu hubachuun damee tuuriizimii akka dagaaguuf gahee gama isaanii akka gumaachan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.