Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni magaalaa Gondar filnnoo biyyoolessaaf gaggeeffamurratti sagaleesaanii laachuuf qophii ta’u ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)- Jiraattoonni naannoo Amaaraa magaalaa Gondar filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa Wiixata dhufuu gaggeeffamurratti sagaleesaanii laachuuf qophii ta’u ibsaniiru.

Jiraattoota magaalitti  tokko tokko yaada nuuf kennaniin kana dura kaardii fudhannee waan jirruuf guyyaa Wiixata paartii nuuf ta’aa biyya bulchu danda’a jennee yaadnu filachuuf qophoofneerra jedhaniiru.

Filachuu jechuun mirga ofii fayyaadamuu waan taheef namni kaardii fudhate guyyaa sana bahee paartii isaaf tahu filachuu akka qabuus dhaamaniiru.

Falmiin paartiileen siyaasaa taasisanii fi daddamaqinsii karaa adda addaatiin taasifamee eenyu filachuu akka qaban hubannoo guddaa akka isaanii uumees dubbataniiru.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.