Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idileesaa guyyaa kaleessaa gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti marii’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC)- Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idileesaa guyyaa kaleessaa gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti marii’achuun murtoo dabarseera.
Bu’uuruma kanaan;-
1.Giddugalli gargaarsa daa’immanni waldhaanamtoota onnee Ityoophiyaa rakkina maatii fi daa’imman waldhaanamtootaa hir’isuuf hojii tola ooltummaa tajaajila bilisaa laachaa jiru, itti fufiinsaaf deeggaruu kan dandeessisu idaan taaksii akka dhiifamuu fi gibirri galii kiraayii bilisa akka ta’u kaabineen murteesseera.
2.Haadholii hojii soorata qopheessu barattoota galii gadi aanaa qaban magaalichaatti argamanirratti bobba’aani jiran baasii gibira galii waggaa tokkoo akka dhiifamu murtaa’eera.
3.Bulchiinsi magaalichaa tajaajila biiroof waggaan baasii kiraayii Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 46 ol kan baasuu fi biiroon kunneen bakkeewwan garagaraa jiraachuun tajaajjilamtootaaf kan hin mijannee waan ta’eef tajaajilamtootaaf mijataa fi baasii kan qusatu proojaktii ijaarsa biiroota akka eegalus murtaa’eera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.