Fana: At a Speed of Life!

Kaamaalaa Haariis Ameerikaan alatti waan dhalatteef filannoo Ameerikaaf dorgomuu hin dandeessu – Traamp

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameeriikaa Doonaald Traamp, Kaamaalaa Haariis Ameerikaan alatti waan dhalatteef filannoo Ameerikaaf dorgomuu hin dandeessu jedhan.
 
Kaamaalaa HaAriis bara Faranjootaa Onkoloolessa 20, 1964 bulchiinsa Kaalifoorniyaa magaalaa Ooklaand keessatti dhalatte.
 
Abbaan Kaamaalaa Haariis lammii Jamaayikaa yoo ta’u, haati ishee ammoo lammii Hindiiti.
 
Joo Baayidan itti aantuu Preezdaantii ta’anii filannoo Ameerikaa bara Faranjootaa Sadaasa 3,2020 gaggeeffamuuf paartii Demookraatootaa bakka bu’uun akka dorgoman filaniiru.
 
Kaamaalaa Haariis dubartii jalqabaa gurraachota keessaa carraa dorgommii kana argatte taateerti.
Haa ta’utii Doonaald Traamp filannoof dorgomuuf ga’umsa dubartiin kun qabdu gaaffii keessa galchaniiru.
 
Akka heera US’tti namni filannoorratti dorgomuu danda’u nama biyyicha keessatti dhalatee fi lammii biyyichaa ta’eedha.
 
Preezdaant Traamp keewwata heeraa kana fayyadamuun morkattoota isaanii burjaajessuun beekamu.
 
Kanaan duras Preezdaantiin duraanii US, Keeniyaa keessatti dhalachuu hin oolu jechuun odeeffannoo dhugaa hin taane facaasaa turan.
 
Bara 2016 keessas morkataa isaanii kan ta’e ‘Ted Cruz’ Kanaadaatti dhalate jechuun fudhatama dhabsiisuuf yaalaa turan.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.