Fana: At a Speed of Life!

Kabajni Ayyaana Cuuphaa karaa nagaan xumurame – KPO

Finfinnee, Amajjii 12, 2015 (FBC) – Kabajni Ayyaana Cuuphaa bara kanaa karaa nagaan xumuramuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksiise.

Naannoo Oromiyaatti Kabajni Ayyaana Cuuphaa bara kanaa rakkoo tokko malee karaa nagaan xumuramuu komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan ibsaniiru.

Duudhaan wal kabajuu fi wal deeggaruu amantiilee garagaraa biratti mul’ate gara fuula duraattis hordoftoota amantaalee hunda biratti fakkeenyummaadhaan babal’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Kabajni Ayyaana Cuuphaa bara kanaa haala miidhaginaa fi duudhaa wal kabajuu ibsuun karaa nagaatiin kabajamee akka xumuramuuf caasaalee nageenyaa naannoo Oromiyaa, Federaalaa, Dargaggoota, Abbootii Amantaa, Hordoftoota amantichaa fi hawaasaa gumaacha olaanaa taasisaan hunda galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.