Fana: At a Speed of Life!

Kabajni Ayyaana waggaa Gabire’elii Qullubbii nagaan xumuramuu Humnichi Waloo beeksise

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC)- Kabajni Ayyaana Waggaa Gabire’elii Qullubbii nagaan xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa biyyaalessaa beeksise.

Ayyaanichi Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti sirna hoo’aa fi nagaan kabajameera.

Ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramuuf abbootii amantaa, hawaasa naannawaa akkasumas qaamolee nageenyaa gumaacha taasisaniif humnichi waloo galateeffateera.

Hirmaattoota ayyaanichaarratti namoota yakka hannaa raawwatanis dhaddacha yeroo hundaa’een hidhaa baatii ja’aa hanga waggaa lamaan akka adabaman itti murtaa’uu humnichi waloo ibsaa miidiyaaleef ergeen beeksiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.