Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaan Magaalaa Chonchuun daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Jilli Kantiibaan Magaalaa Choonchuun Kooriyaa Kibbaa Yuukii Doongi Haan daawwannaa hojiif Magaalaa Finfinnee galaniiru.

Yuukii Doongi Haan wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Kantiibaa Ittaanaa Magalaa Finfinnee Obboo Jaanxiraar Abbaayiin simatamaniiru.

Hariiroo magaalota obbolaa lameen gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf haalota dandeessisanirratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin akka mari’atan kan eegamu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Jilichi turtii isaaniis kitaabaa Mana Kitaabaa Abrihootiif gumaachuu dabalatee pirojktoota olaanoo magaalattiitti ijaaramaa jiranii fi maneen barnootaa akka daawwatan ibsameera.

Akkasumas waljijjiirraa feestivaala aadaa magaalota lameenii taasisuun gootota duultota Kooriyaa waliinis turtii akka taasisan eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.