Fana: At a Speed of Life!

Keellaa Fayyaa 250 Birrii biiliyoona 3’n sadarkaa dhaloota 2ffaatti guddisaa jirra-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 6, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Keellaa Fayyaa 250 Baasii Birrii biiliyoona 3’tti dhiyaatuun gara sadarkaa dhaloota 2ffaatti guddisaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannichaa Shimallis Abdiisaan himan.

Pireezidaanti Shimallis, fayyaan sektara caasaa guddaafi fedhii tajaajilamaa bal’aa qabuu fi waliin gahiinsa fi qulqullina tajaajila dhaabbilee fayyaa irratti hojiilee bal’aa hojjetamaa jiruun, fooyya’iinsi gaariin mul’achaa jiraachuu gamaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee wal’aansaa, humna namaa/oggeeyyii, hoggansaa, sadarkaa dhaabbilee fayyaa guddisuu, haaromsuu fi haaraa ijaaruu irratti jijjiirama fiduun danda’ameera jedhan.

Jijjiiramni kunneen, rakkoolee uumamaa fi namtolchee waggoottan darban akka biyyaa fi naannootti numudatan keessatti kan galmaa’e ta’uu yaadachiisan.

Milkaa’inni galma badhaadhina maatii fi hawaasa fayyaalessaa, ida’ama jijjiirama gama hundaa ta’uu hubachuun sektara fayyaaf xiyyeeffannaan kennamuus eeran.

Inisheetivii “Imaging Center” jedhamu bocuun hospitaalota kilaastara 11 jalatti ijaaramaniif, meeshalee yaalaa gurguddoo, qaalii fi murteessoo ta’an kanneen akka Siitii Iskaanii guutamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Baasii Birrii biiliyoon 3’tti dhiyaatuunis Keellaa Fayyaa 250 gara Dhaloota Lammaffaa (second generation) tti guddisaa jiraachuu akeekaniiru.

Dabalataanis, kallattii dhiyeessii qorichaa itti fufiinsa qabu dhugoomsuf qabameen, Manneen Qoricha Modeela Hawaasaa 457’n gahuu akka danda’ame kan eeran Pireezidaanti Shimallis lakkoofsa miseensota inshuraansii fayyaa miiliyoona 27.5 olitti guddachuus himaniiru.

Fuulduraattis, fayyaa hawaasa naannichaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota hunda waliin si’aayinaan kan hojjennu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.