Fana: At a Speed of Life!

Kibba Xaaliyaanitti Bidiruun dhidhimte lubbuu godaantoota 100 galaaffachuu hin oolle jedhame

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC) – Guyyaa Kaleessaa Kibba Xaaliyaanitti Bidiruun dhidhimte lubbuu godaantoota 100 ol galaaffachuu hin oolle jedhameera.

Hanga ammaatti lubbuun godaantoota 62 darbuu kan mirkanaa’e yoo ta’u, miidhamtoota keessaa 12 daa’imman ta’uu eerameera.
Bidiruun namoota 200tti hiiqan feetee imalaa turte naannawaa Kirootoonnitti cabuu ishee dubbatameera.

Godaantoonni kunneen, Soomaaliyaa, Sooriyaa, Afgaanistaan, Paakiistaan, Iraaqii fi Iraanirraa kan dhufan ta’uu himameera.
Reeffii namoota kanneenii Riizoortii Qarqara Galaana Kaalaabiraatti argamuu ibsameera.

Namoonni 80 lubbuun kan hafan yoo ta’uu, hedduun as buuteen isaanii dhabame jedhame.

Namni dhuunfaan lubbuun hafe tokko yakka daddabarsa namootaan shakkamuun too’atamu BBCn gabaaseera.

Namoota Bidiruu keessa turan keessaa harka caalu kanneen Paakiistaanii dhufan ta’uu eerameera.

Namoota dhidhimuun du’an keessaa 24 ol lammiilee Paakistaan ta’uu Muummeen Ministiraa biyyattii Sheehibaaz Shariif ibsaniiru.

Dippiloomaatoonni dhimmicha saffisaan akka qulqulleessan gaafataniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.