Fana: At a Speed of Life!

Kolleejjiin fayyaa Hospitaala Adaamaa barattoota 169 eebbise

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Kolleejjiin fayyaa Hospitaala Adaamaa barattoota ogummaa Fayyaa garaagaraan barsiisaa ture 169 eebbiseera.

Kollejjichi Digirii jalqabatiin barattoota 7,”Doctor of Medicine” 41,”Master of Public Health “72, Ispeeshaalistoota 49 walumaa galatti barattoota 169 eebbiseera.

Hospitaalli waliigalaa Adaamaa hawaasa miiliyoona 10 ol ta’aniif tajaajila fayyaa kennaa jira jedhame.

Sirna eebba barattootaa kanarrattis Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa fi itti aantuun kantibaa Magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee Muhaammad argamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.