Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Lalisee Namee Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Baangilaadish waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Komishinarri Komishinii Invastimentii  Lalisee Namee Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Baangilaadish Nazruul Islaam waliin dhimmoota garaagaraa irratti  mari’achuu ibsame.

Hariiroo invastimentii biyyoota lameenii haala  cimsuun danda’amurratti fi filannoo akkasumas carraawwan invastimentii abbootiin qabeenyaa Baangilaadish hirmaachuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Dabalataanis hojii beeksisa carraawwan invastimentii Ityoophiyaa qabdu irratti waliin akka hojjetan mari’achuu ragaan komishinicharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.