Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi Ayyaanni Iid Al Faxir rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan akka kabajamuuf qophii xummuruu beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii Federaalaa Ayyaanni Iid Al Faxir rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisu xummuruu beeksiiseera.
Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallash Gabramikaa’eel Ayyaanni Iid Al Faxir rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan akka kabajamuuf qophii ga’aan taasiifamuu ibsaniiru.
Hordooftoota amantaa Islaamaa fi uummata Ityoophiyaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Komishinarichi Ayyaanni Iid Al Faxir ayyaanaa hawaasni Musiliimaa hariiroo waloo isaanii caalmaattai itti cimsatanii fi duudhaalee Afuuraa itti babal’ifatan ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas amantaalee biroo waliin waldanda’uun jiraachuu isaanii addunyaatti kan itti agarsiisan, ayyaana guddaa ta’uu eeraniiru.
Ayyaanni kabajamaan kun karaa nagaan akka kabajamuuf haala nageenyaarratti hawaasa waliin hojiileen hedduun hojjetamuu himuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.