Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi hirmaattoota marii biyyaaleessaa irratti hawaasa naannoo bakka bu’an kilaastera Shaashamanee filannoo gaggeesse

Finfinnee, Ebla 5, 2016 (FBC) – Komishiniin Marii Biiyyaaleessaa hirmaattoota marii biyyaaleessaa irratti hawaasa naannoo bakka bu’an kilaastera Shaashamanee filannoo gaggeesse.

Hirmaattoonni kunneen godinaalee 6 aanaalee 66 irraa kan walitti baba’aan ta’uu eerameera.

Godinaaleen Gujii, Gujii Lixaa, Boorana, Boorana Bahaa, Baalee fi Baalee Bahaarraa hawaasa walitti dhufan ta’uu himameera.

Komishimarri koomishinii marii biyyaaleessaa Dooktar Ambaayee Uungaa akka Oromiyaatti bakka buutonni hawaasaa kan filataman kilaastera Adaamaa, Harar, Jimmaa fi Shaashamanneeti jedhan.

Abbootiin Gadaa, haadhooliin siinqee, dubartoonni, dargaggoonni, dhaabbileen amantaa, qaamolee hidhatan, diyaasporaa, qaama miidhamtoonni, dhaabbileen siyaasaa akkasumas qaamoleen dhaabbilee siivikii isaan ilaallatu hirmaachisuu himaniiru.

Adeemsa hanga ammaatiin rakkooleen akka dhiheessii loojistiksii fi iddoolee tokko tokkootti rakkoon nageenyaa muudachuun ala hojii keenya qixa barbaadamuun akka hin hojjdnneef gufuu nutti ta’aniiru jedhan Dooktar Ambaayeen.

Haannaa Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.