Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi horsiisee bultoota fi naannoolee deeggarsa addaa barbaadaniif karoora waggaa 10 ifoomse

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Komishiniin Plaanii fi Misooma biyyaalessaa horsiisee bultoota fi naannoolee deeggersa addaa barbaadaniif karoora waggaa 10 ifoomseera.

Komishinichi karoora kana kan ifoomse guyyaa har’a qaamoolee dhimmi ilaallatuu fi hirmaattoota naannoolee 6 irraa walitti babba’aan waliin marii taasiseerratti ture.

Waltajjicharratti Ministeera Naageenya dabalatee bakka buutoonni naannoolee Oromiyaa, Afaar, Kibbaa, Gaambeellaa, Beenishaanguul Guumz fi Suumaalee hirmaataniiru.

Karoorri ifoome kun jiruu fi jireenya horsiisee bultoota kan jijjiiruu fi oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf ulaagaalee 9 of keessatti kan qabateedha jedhaniiru.

Bu’uraalee misooma fayyaa, bishaanii fi mana barnootaa guutuun jiruu fi jireenya horsiisee bultoota jijjiiruun akka danda’amus mariicharratti dhaamameera.

Jiruu fi jireenya horsiisee bultoota jijjiiruufis kan dursu nagaadha jedhame.

Ijaarsaa caasaalee fi hojimaata sadarkaa Naannoo, godina, aanaa fi ganda jiruun nageenya waaraa fiduuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu akka qabu ibsameera.

Itti aantuun Komishinii Plaanii fi Misooma biyyaalessaa aadde Masarat Masqalee, karoorichi horsiisee bultoota faca’anii jiraatan qorannoo fi fedhiin adda baasuun naannoo haaraa uumuun hawaasummaa fi diinagdee isaanii cimsuuf ni gargaara jedhaniiru.

Sisaay Geetahuntu gabaasee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.