Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi meeshaalee birrii miiliyoona 43tti tilmaamaman Maqeedooniyaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC) – Komishiniin Gumurukaa giddugala kunuunsa Maanguddootaa fi dhukkubsattoota sammuu Maqeedooniyaaf meeshaalee Birrii miiliyoona 43tti tilmaamaman deeggarsa taasiise.

Deeggarsichi midhaan nyaataa, meeshaalee qulqullinaa fi uffataalee kan hammatu ta’uu giddugalichi ibsa Faanaa Broodkaastingii Korporeetiif ergeen himeera.

Komishinarri Komishinii Gumurukaa obbo Dabalee Qaabataan giddugalichatti argamuun meeshaalee kanneen laataniiru.

Maqeedooniyaan yeroo ammaa Maanguddootaa fi dhikkubsattoota Sammuu kuma 5 ol kunuunsaa jiraachuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.