Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi taajajila lammummaa gannaa hawaasa Ispoortii miiliyoona 4 ol hirmaachisuu eegalchiise

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Komishiniin Ispoortii Oromiyaa taajajila lammummaa gannaa hawaasa Ispoortii miiliyoona 4 ol hirmaachisuu eegalchiiseera.
Koomishiniin Ispoortii Oromiyaa Sagantaa tajajila lammumma gannaa bara 2013 hawaasa Ispoortii Harargee Bahaa magaalaa Baabbileetti guyyaa har’aa eegalchiiseera.
Sagantaa kenna tajaajila lammummaa gama komishiinii Ispoortii Oromiyatiin hojjatamu kun xiyyeeffaannaan isaa olaanaan dirreewwaan ispoortii, oolmaa dargaggootaa suphuu, leenjii Ispoortii kennuu fi namoota Ispoortii keessatti gumaacha taasisaa turuun yeroo ammaa kana humna dhaban deeggaruun kan hojjatamu ta’uu koomishinarri koomishinii Ispoortii Oromiyaa Naasir Huseen himaniiru.
dabalataan biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuu fi hojiilee tola ooltummaa biroo hojjachuuf akka ta’e himamera.
Hojii tajaajila lammummaa kanaan namoota miiliyoona 4.2 hirmaachisuuf karoorfamuus himaniiru.
Tajaajila tola ooltummaa kanaarrati hojjattoonni komishinichaa gubbaa hanga gadii jiran, kilaboonni, garee Ispoortii fi namoonni ispoortii keessatti qooda qaban kan hirmaatan ta’uunis himameera.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.