Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi wixinee labsii Zoonii Diingdee Addaa irratti dhimmamtoota waliin mari’achaa jira

Finfinee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa wixinee labsii Zoonii Diingdee Addaa irratti dhimmamtoota waliin mari’achaa jira.

Mootummaan waggoottan darbanitti Ityoophiyaa giddugala indaastirii Afrikaa gochuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachuufi sirna imaammata diinagdee diriirsuu Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Nameen haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Ityoophiyaan damee paarkii indaastiriin muuxannoo yeroo gabaabaa qabaattus damichi indaastirii oomishaa biyyattii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu keessatti gahee ba’achaa jiraachuu eeraniiru.

Uwwisni paarkiiwwan indaastirii dhiphachuuniifi seektaroota muraasarratti xiyyeeffatamuun bu’aa barbaadamu osoo hin argamsiisiin hafuu kaasaniiru.

Paarkiiwwan indaastirii ceesisuuf imaammataafi kallattiiwwan imaammataa irra deebiin ilaaluun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Wixineen labsii Zoonii Diingdee Addaa kun rakkoolee jiran furuurra darbee dameewwan garaagaraarratti hirmaannaa invastimantii guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.