Fana: At a Speed of Life!

Konfidereeshiini Hojjechiiftoota Indaastirii fi Konfidereeshiini Hojjechiiftoota Ityoophiyaa walitti makaman

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Konfidereeshiini Hojjechiiftoota Indaastirii fi Konfidereeshiini Hojjechiiftoota Ityoophiyaa walitti makaman.

Konfidereeshiinoonni hojjechiisaa lamaanuu moggaasa Konfidereeshinii Federeshinoota Hojjechiisaa Ityoophiyaa jedhuun walitti makamaniiru.

Walitti makamuuf waggaoota lamaaf carraqqii taasisaa turuun isaanii ibsameera.

Walitti makamuu isaanii ilalchisuun ibsa kan laataan Ministirri Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee diinagdee biyya keenyaa ijaaruu fi faayidaa biyyaalessaa sadarkaa addunyaatti eeguuf walitti makamuun isaanii ga’ee akka qabu himaniiru.

Akkasumaas faayidaa hojjechiiftootaa eegsisuuf caalumaatti akka gargaaruu fi waldaalee hojjetootaa waliin marii lameenii akkasumaas mootummaa dabalatee sirna marii sadeenii bu’aa qabeessa akka ta’uuf walitti makamuun gaarii akka ta’ee kaasaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.