Fana: At a Speed of Life!

Konfirensiin misoomaa fi nageenyaa ummata Oromoo fi Somaalee gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Godina Baaleetti Konfirensii misoomaa fi nageenyaa ummata Oromoo fi Somaalee gaggeeffameera.

Obbolummaa seenaa bara dheeraa hawaasni Oromoo fi Somaalee qaban itichuufi waloon jiraachuu keessatti gaheen abbootii amantaa,jaarsolii biyyaa fi hawaasni bal’aan qaban olaanaa ta’uun himameera.

Godina Baalee Aanaa Gurraadhaamoleetti konfirensiin misoomaa fi nageenyaa hariiroo obbolummaa hawaasa Oromoocfi Sumaalee cimsuurratti xiyyeeffate bakka ityj aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiicfi Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Ibraahim Ismaa’il argamanitti gaggeeffameera.

Konfirensii misoomaacfi nageenyaa kanarrattis hawaasni aanaalee ollaa,abbootiin gadaa,abbootiin amantaa,jaarsoliin biyyaacfi aanga’oonni sadarkaan jiran argamuu ragaan BKMNO irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.