Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi hanga ammatti Kaabaa Ityoophiyaatti deeggarsa Meetrik toonii kuma 282 ol raabsamu ibse

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC)- Baatii Onkoloolessaa 2015 hanga ammatti Kaabaa Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsi namoomaa meetrik toonii kuma 284 fi 934 raabsamuu Koomishiniin Hoggansaa Sodaa Balaa beeksise.
Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Koomishinichaa Obbo Dabbabaa Zaawudee Faanaa Biroodkastingi Koorporeetiif akka ibsanitti, naannolee Tigraay, Amaaraa fi Afaar sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif deeggarsi namoomaa rabsaamu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Yeroo ammaa Naannoo Tigraayitti lammiileen miiliyoona 5.2, Naannoo Amaaraatti lammiileen miiliyoonni 2.4 oliif, Naannoo Afaarritti immoo lammiileen kuma 715 ol, waliigalaan lammiileen miiliyoona 8.3 ol deeggarsa namoomaa kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.
Lammiileen deeggarsa barbaadan kunneen Naannoo Tigraay godinalee hundaatti, Naannoo Amaaraa Gondaar Kaabaa fi Walloo Kaabaa, Godina Saba Waghimiraa fi Naannoo Afaar godinaalee lamaa, afurii fi shanitti argamaniif ta’uun eerameera.
 
Lammiilee kanneeniif marsaa 1ffaan deeggarsa namoomaa meetrik toonii kuma 141 fi 671 akka taasifame ibsamuun, marsaa 2ffaan immoo meetrik toonii kuma 141 fi 263 raabsamuu Obbo Dabbabaan dubbataniiru.
Hanga ammatti naannoolee sadanitti deeggarsi namoomaa meetrik toonii kuma 282 fi 934 raabsamuun ibsameera.
Mootummaan meetrik toonii kuma 15 fi 666 dhiyeessuu kan ibsan Daayrektarichi, kanneen biroo dhaabbilee tumsitootaan akka taasifame kaasaniiru.
Naannoo Tigraayitti hanga ammaatti dhimmoota bulchinsaa fi raawwii tajaajilaaf Birrii biiliyoonni 2.3 Maaqalee fi Shireetti ergamuu ibsaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.