Fana: At a Speed of Life!

Koomishinii Marii Biyyaalessaaf deeggarsi konkolaattota 12 taasifame

Finfinnee, Ebla 7, 2016 (FBC)-Koomishiniin Mari Biyyaalessaa adeemsa marii biyyaalessaa gaggeessaa jiru tumsuuf Mootummaan Jaapaan deeggarsa konkolaattota 12 taasiseera.

Marii biyyaalessaa hunda hammataa fi hirmaachisaa gaggeessuuf, karoora qabaman milkeessuuf, qaamolee dhimmichi ilaallatu hedduu waliin hojjechaa jiraachuu komishinichi beeksiseera.

Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Bu’aan Itiyoophiyaa Dooktar Saamu’eel Diwuu, marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessitu milkeessuuf gahee isaanii akka bahatan ibsanii, kunis Afrikaatti akka babal’atu fedhii qabaachu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Jaappaan Hiiroo Nooy lammiileen Itiyoophiyaa marii biyyaalessaa gaggeessuu qophii taasisuu qofaa utuu hintaane bu’aa qabeessa akka ta’uuf murteesuu akka qaban, kanaafis Jaappaan itti fufiinsaan deeggarsa akka taasistu himan.

Komishinarri Komishinichaa Masfiin Ar’ayaan akka biyyaatti gufuulee mudatan hambisuuf waliigalteerra akka ga’amuuf deeggarsa Mootummaa fi Ummanni Jaappaan taasisaniif galateeffataniiru.

Mariin milkaa’aan akka taasifamuu fi badhaadhinni Itiyoophiyaa akka mirkanaa’u taasisuuf deeggarsi Sagantaan Misooma Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii taasisu olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.