Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransii sirna nyaataa idil addunyaarratti sagantaan barattoota Magaalaa Finfinneef nyaata dhiyeessuu akka muuxannoo gaaritti dhiyaate

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)- Koonfaransii sirna nyaataa idil addunyaarratti sagantaan barattoota Magaalaa Finfinneef nyaata dhiyeessuu akka muuxannoo gaaritti dhiyaate.

Koonfaransii sirna nyaataa idil addunyaarratti sagantaan barattoota Magaalaa Finfinneef nyaata dhiyeessuu akka muuxannoo gaaritti dhiyaate.

Sagantaan nyaata barattootaaf dhiyeessuu Magaalaa Finfinneetti eegalame, koonfaransii sirna nyaataa idil addunyaa biyya Xaaliyaanii Magaalaa Roomaatti gaggeeffamaa jirurratti akka muuxannoo gaaritti dhiyaate.

Qopheessummaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin biyya Xaaliyaanii Magaalaa Roomaatti gaggeeffamaa kan jiru, koonfaransii sirna nyaataa idil addunyaarratti barreessaan olaanaa dhaabbatichaa Antooniyoo Guutereez dabalatee Ministirri Ministeera Fayyaa Ityoophiyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Ministira Ministeera Qonnaa Umaar Huseenii fi Ministirri Muummee Duraanii obbo Haayilamaariyaam Dassaaleeny hirmaataniiru.

Hojiileen Bulchiinsi Magaalichaa gama damee soorata dhiyeessuun hojjechuu eegale biyyoota biroof muuxannoo gaarii akka ta’u amanuun koonfaransii sirna nyaataa idil addunyaarratti akka dhiyaatu taasifameera.

Gorsituun Damee Sirna nyaataa Kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee durbee Meetii Taamiraat sagantaa soorata barattootaa dhiyeessuu magaalaa Finfinneetti taasifamaa ture, muuxannoo isaa qindeessuun Magaalaa Finfinneetii viidiyoo koonfaransii hirmaattotaaf dhiyeessaniiru.

Bulchiinsi Magaalichaa bara baajataa darbe nyaata barattootaaf Birrii biiliyoona 1.2 ol ramaduun barattootaa kuma 600 ol ta’an Magaalaa Finfinnee fi naannawa isaarraa fayyadamaa taasisuu hubachiisaniiru.

Sagantaa kanaanis barattoonni nyaata madaalawaa akka argatan gochuu bira darbee qaphxii barattootaa guddisuu, hamma irra deebiifi barnoota addaan kutuu sadarkaa olaanaan hir’isuun danda’ameera jedhan.

Sagantaa nyaata dhiyeessuu kana keessatti haadholiin kuma 10 ol nyaata bilcheessuun carraa hojii dhaabbii argachuusaanii durbee Meetii Taamiraat ibsaniiru.

Ityoophiyaatti sirna nyaataa fooyyeessuuf qaamoleen qooda fudhattoota gara garaa kan irratti hirmaatan ajandaa mootummaa ta’ee irratti hojjetamaa akka jiru Ministirri Ministeera Fayyaa Ityoophiyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa walgahii sirna nyaataa idil addunyaarratti dhiyeessuusaanii ragaan Pirees Sakireetaryaatii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa arganne ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.