Fana: At a Speed of Life!

Koonsoo fi Aalleetti walitti bu’iinsa uumamee ture tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaa daangaa Koonsoo fi Aalleetti walitti bu’iinsa uumamee ture tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.
 
Rakkoo nageenyaa tibbana iddoolee kanneenitti uumamee tureen lubbuun namoota 21 darbuu itti aanaan preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw ibsaniiru.
 
Dabalataan qaama namaa fi qabeenyarra miidhaan qaqqabeera.
 
Mootummaan naannichaas hojii shakkamtoota qulqulleessuu fi qaamolee balleessan seeratti dhiyeessuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Amma ammaattis namoonni shakkaman 7 to’atamuu ibsan.
 
Deeggarsi namoomaa namoota miidhamaniif laatamaa jiras jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.