Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela baalaastikii dhukaaste

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Kooriyaan Kaabaa guyyaa har’aa misaa’elaa baalastikii fageenya gabaabaa gara galaanaatti dhukaasuun gabaafame.

Piyoongyaang, Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa guyyoota muraasaan booda shaakalaa loltummaa waloo eegaluuf qophii xumuruu hordofee misaa’elaa kana kan dhukaafte ta’uun eerameera.

Kana malees gochichi Ittaantuun Pireezidaantii Ameerikaa Kaamaalaa Haaris daawwannaa naannawaa Kooriyaa Kibbaa fi naannawichaatti taasisan mormuuf kan kaayyeffateedha jedhame.

Misaa’elli fageenya gabaabaa dhukaafame galaanaa Jaappaan keessatti kufuun dura fageenya kiiloo meetira 600 furguggifamuun eerameera.

Kooriyaan Kibbaa fi Jaappaan, Kooriyaan Kaabaa misaa’eela kana dhukaasuun seera idil addunyaa kan faallessuu fi ifatti walitti bu’iinsaa tuqachuudha jechuun balaaleffataniiru.

Kooriyaan Kaabaa gama isheen, gochichi Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa shira gaggeessan ittisuu fi birmadummaa biyyattii kabachiisuuf kan kaayyeffateedha jechuun himannicha fudhatama dhabsiisteetti.

Gama biraatiin Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa shaakala loltummaa waloon gaggeessuun muddama naannawichaa ittuu hammeessa jechuun Raashiyaa fi Chaayinaarraa qeeqni mudacha jiraachuu RT’n gabaaseera

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.