Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa vaayrasii koroonaa sodaachuun lammiilee biyyoota garagaraa 380 gara bakka turtiitti galchite

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa vaayrasii koroonaa sodaachuun lammiilee biyyoota garagaraa 380 gara bakka turtiitti galchite.

Gara bakka turtiitti kan fudhataman baayyeen diipiloomaatota lammiilee biyya alaa yoo ta’an, buufata magaalaa Piyoongiyaangitti argamu keessa akka turan ni taasifama jedhameera.

Lammiileen biyya alaa 200 ta’an sababa vaayrasii koroonaan baatii tokko keessatti mana jireenya isaanii keessaa akka ba’an ta’eera.

Kooriyaa Kaabbaatti namni vaayrasii koroonaan qabame jiraachuu ragaan ibsu hanga ammaatti hin argamne.

Haata’utii, ollaa ishee Kooriyaa Kibbaatti vaayrasichaan namoonni 7 yoo du’an, namoonni 763 ammoo vaayrasii koroonaan qabamaniiru.

 

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.