Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015(FBC)- Kooriyaan Kibbaa hariiroo dameewwan garaagaraan Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsiteetti.

Ergamaan Addaafi Gorsaa olaanaan Istiraateejikii Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Jaang Suung Miin Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaniiru.

Jaang Suung Miin daawwannaa isaanii ilaalchisuun ibsa laataniin, Ityoophiyaafi Kooriyaan Kibbaa biyyoota hariiroo cimaafi seena qabeessa qaban ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsi Ityoophiyaan wayita Waraana Kooriyaa Kooriyaa Kibbaaf taasiste yeroo maraa kan yaadatamu ta’uu ibsaniiru.

Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaaf dameewwan garaagaraa deeggarsa taasisaa jiraachuu yaadachiisuun, gara fuula duraattis cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.