Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshichi bara baajataa 2013tti daldala alaarraa galii Doolaara miiliyoona dhibba 4 argachuuf karoorfachuu beeksise

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) – Koorporeeshiniin Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii bara baajataa 2013tti daldala alaarraa galii Doolaara miiliyoona dhibba 4 argachuuf karoorfachuu beeksise.
 
Koorporeeshinichi bara baajatichaatti lammiilee kuma 45 ofiif carraa hojii uumuuf karoorfachuus Koorporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwwaniitti Hoogganaan Gabaa fi Komiinikeeshinii obbo Darribee Dabalee dubbataniiru.
 
Koorporeeshinichi bara 2017tti addunyaarratti Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii filatamaa ta’uuf muul’ata qabatee hojjechaa jira jedhan.
 
Bara kana abbootii qabeenyaa biyya keessaa misoomawaa ta’an 36 gara Paarkichatti fiduuf hojjetamaa akka jirus obbo Darribeen ibsaniiru.
 
Paarkoota ijaarsarra jiran guutumaan guutuutti hojiitti galchuun sharafa alaa biyyattii guddisuuf sochii bal’aan taasifamaa jiraachuus eeraniiru.
 
Paarkii Indaastirii Samaraa xumuruun hojiitti galchuuf Koorporeeshinichi tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Bara baajataa 2013tti manneen jireenyaa kuma 31 hojjettoota Paarkichaaf ijaaruuf karoorfamuus eeraniiru.
 
Obbo Darribeen abbootiin qabeenyaa misooma damicharratti akka hirmaataniif qaamoolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
 
Yeroo ammaa nageenya Indaastirii eegsisuuf xiyyeeffaannoo addaan hojjetama jira jedhan.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.